Yaada ummata Tigraayii fi hawaasa idil addunyaaf iddoo qabnu yeroo dhumaaf agarsiifneerra – Dooktar Abiy
Finfinnee, Adooleessa 7, 2013 (FBC) – Yaada ummata Tigraayii fi hawaasa idil addunyaaf iddoo qabnu yeroo dhumaaf agarsiifneerra jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy haala waqtaawaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Walitti bu’iinsa hir’isuuf, qonnaan bultoonni naannichaa qonna gannaa tasgabbiin akka gaggeessanii fi dhiyeessin namoomaa sirnaan akka qaqqabuuf yaaddamee tarkaanfiin dhuunfaan dhukaasa dhaabuu fudhatameera jedhan.
Nageenyi gatii akka nu kaffachiisu beeknuunis kun carraa nageenyaa isa dhumaati jedhan.
Yaa ta’uutii adeemsi kun Garee Shororkeessaa ABUTtiif liqimsamuu hin dandeenye jechuun ibsan.
Walitti bu’iinsi amma jiru oolee buluu hin danda’u jedhaniiru.
Garichi daa’immanii fi dargaggoota baala sammuu adoochu itti laachuun waraanarratti hirmaachisaa jiraachuu ibsaniiru.
Raayyaan Ittisaa Daa’imman kanneen baraaruuf dirqama qaba jedhan.
Gatiin ummataaf jedhamee kafffalame sababa namoota gatiin nageenyaa hin galleefiif jecha bu’aa fiduu hin dandeenye jedhaniiru.
Gareen ABUT diinaa birmadummaa Ityoophiyaa ta’u irra deebiin mirkaneessuu ibsaniiru.
Kanas ummata Ityoophiyaa waliin ta’uun ni injifanna jedhan.
Gama tokkoon deeggarsi namoomaa akka ariifatu hojjechaa gama biroon waraanaa diinni keessaa fi alaa nurratti bane ni qolanna jedhan.
Gareen ABUT holqa keessa wayita ture ummanni beelaan dhumuufi jechaa ture, ummataaf jedhamee tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu fudhatamnaan ammoo lola labseera jedhan.
Hawaasni idil addunyaa deeggarsa namoomaa fi beelaaf dubbachaa ture wayita garichi daa’imman waraanarratti hirmaachisu callisa filachuu isaa kaasaniiru.
Koriidaroonni galumsa deeggarsa namoomaa iddoo walitti bu’iinsaa wayita ta’an dhaabbileen deeggarsa namoomaa ammas mootummaa komachuu barbaadu jedhan.
Mootummaan kanneen hunda giddugaleessa godhachuun tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata jedhan ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin laataniin.
Ummanni olola sobaa diinarraa of qusanchuu akka qabu hubachiisaniiru.
Gareen ABUT fi deeggartoonni isaa dhaannoo sobaa malee humna hin qaban jedhan.
Olola sobaa humnoota keessaa fi alaa qindeessuun ummata adda qoqqooduuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Ummanni akkuma kanaan duraa tokkummaan birmadummaa biyyaaf dhaabbachuu akka qabanii fi deeggarsa raayyaa ittisaaf taasiisan kallattii hundaan akka itti fufan gaafataniiru.
Dhiibbaa alaa fi qocholoo keessaa fashaleessuuf waloon dhaabbachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.