Fana: At a Speed of Life!

Yaada filmaataa ummataaf dhiyeessun barbaachisaa ta’uu paartileen siyaasaa beeksisan

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Filannoo biyyoolessaarratti yaada filmaataa ummataaf dhiyeessun barbaachisaa ta’uu paartileen siyaasaa beeksisan.
 
Ityoophiyaan sirnoota bulchiinsaa hedduu agarte gara demokraasiitti cee’uuf imala taasisturratti gufuuwwan heedduun jiraachuun ibsameera.
 
Ittigaafatamaan koominikeeshinii ABO obbo Qajeelaa Mardaasaan loogii fi fayyadamtummaan seera hin eeggatin ijaarsa demokraasii keessatti gufuu ta’uu ibsu.
 
Rakkooleen jiraatanis filannoo seera eeggateef qophaa’un ni barbaachisa jedhaniiru.
 
Dura taa’aan Iizeemaa obbo Yeshiiwaas Asaffaan gama isaanitiin yaada ummataaf dhiyeessuun filatamuun barbaachisaadha jedhu.
 
Kunis dhaabbilee demokraasitiin utubamuu akka qabu ibsu.
 
Filmaata diinagdee, siyaasaa, hawaasummaa fi imaammataa dhiyeessuun hawaasni akka filatu gochuun murteessadha jedhaniiru.
 
Daawiit Barriihuuntu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.