Fana: At a Speed of Life!

xMootummaan tarsiimoo hiyyummaa hir’isan baasuun hojjechaa jiruun jireenyi hawaasa magaalaa qabatamaan jijjiiramaa jira- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Mootummaan tarsiimoo hiyyummaa magaalota keessatti hir’isan baasuun hojjechaa jiruun jireenyi hawaasa magaalaa qabatamaan jijjiiramaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee Misooma  konkolaattootaafi doqdoqqeewwan magaalota 72’f kenneera.

Ministeerichi konkolaattoota 72 fi Doqdoqqeewwan 144 magaalotaa 72f kan kenne yoo ta’u, konkolaattotni fi doqdoqqeewwan kunneen piroojektii seeftineetii misoooma magaalotaaf kan oolan ta’uu ibsameera.

Piroojektichaan jiraattonni magaalaa akkaan fayyadamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooma  Aadde Caaltuu Saanii eeraniiru.

Mootummaan tarsiimoo hiyyummaa hir’isan baasuun hojjataa jiruun jireenyi jiraattota magaalaa jijjiiramaa jiraachuu kaasaniiru.

Piroojektichi caalmaatti dubartoota fayyadamaa taasiseera kan jedhan, aadde Caaltuun konkolaattootaafi doqdoqqeewwan kanneen faayidaa barbaadameef qofa akka oolchan dhaamuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.