Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarrii Booying 777-9 X dheeraan balalliisaa jalqabaa milkiin xumure

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Xiyyaarrii Booying 777-9 X dheeraan balalliisaa jalqabaa milkiin xumureera.

Xiyyaarrii Booying 777-9 X jedhamuu abba motoraa lama fi dheerina meetira 79 akka qabu himameera.

Xiyyaarrii haaraan kun rakkoo garagaraan oomisha dhaabbaticharratti balaa qaqqabuu hir’isuu ni danda’eessisa jedhameera.

Xiyyaarichii yaalii balalliisa naannoo magaalaa Siyaatiil kan taasisee yoo ta’u, yaaliicha osoo hin taasisiin dura sababaa rakkoo haalaa qilleensaan imaluuf kan ture osoo hin milka’iin hafuu himameera.

Dhaabbatichi hanga ammattii xiyyaaroota 309 Booying 777 X ta’an gurguraa jiraatuus, gatiin tokkoo doolaraa Miliiyoonaa dhibba 4 fi miiliyoona 42 jedhameera.

Xiyyaaroota Booying 737 sababaa rakkoo teekniikaan qabeenyumaan isaanii Ityoophiya fi Indoonezhiyaa ta’an lama kufaanii caccabuun lubbuun namootaa 346 darbuun ni yaadatama.

Kana irratti hunda’uun xiyyaarri dhaabbatichi oomishuu nageenyummaa isaan amansiisaa miti jechuun haawwasni idil addunyaa fi oggeessonnii garagaraa mormii guddaa dhiyeessaa turaniiru.

Maddi:-CNN

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.