Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri imaltootaa Somaaliyaa buufata xiyyaaraa Moqaadishootti kufuun gabaafame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Imaltoota 30 kan qabatee ture xiyyaarri imaltootaa Somaaliyaa buufata xiyyaaraa Moqaadishootti kufuun gabaafameera.

Aanga’oonni buufata xiyyaarichaa akka eeranitti xiyyaarichi buufaticha wayita qubachuuf jedhutti kufuu fi imaltootarra garuu miidhaan kamuu kan hinqaqqabne ta’uu ibsaniiru.

Xiyyaarri qabeenyaa Daandii Qilleensaa Jubaa ture Baayidawaarra gara Moqaadishootti balali’aa akka ture Waashingitan Poosti gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.