Xiyyaarri imaltootaa Raashiyaa miliquun ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Xiyyaarri imaltootaa Raashiyaa AN -026 jedhamu namoota 28 fe’ee imalaa ture miliquun dhaga’ame.
Xiyyaarichi osoo balalliirra jiruu gidduun walquunnamtiin Bararsiisaa waliin jiru adda cituu Abbaan Taayitaa Ayveeshinii naannichaa beeksiiseera.
Xiyyaarichi Baha biyyattii naannoo Qarqara Bishaanii Kaamchaatikaa jedhamutti miliquun akka hin oollee ibsamera.
Peentirooppavilooviskii – Kaamchaatiskii ka’uun gara qarqara Bishaanii Paalaanaa imalaa turuu himameera.
Maddi :- Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.