Xiyyaarri anniisaa Elektiraan hojjetu balallii jalqabaa taasiise
Finfinnee, Fulbaana 18, 2016 (FBC) – Xiyyaarri guutummaan guutuutti anniisaa Elektiraan hojjetu balallii idil addunyaa jalqabaa taasisuu ibsameera.
Xiyyaarri kun tajaajila geejjiba meeshaalee fi namaa laachuu kan danda’u ta’uu ibsameera.
Xiyyaarri kun dhaabbata Teeknooloojii idil addunyaa ‘Beetaa Teeknooloojiis’ jedhamuun kan hojjetame yoo ta’uu balallii jalqabaa isaa gara Kaanaadaa Moonitiriyaalitti taasiiseera.
Xiyyaarichi wayita Moonitiriyaal qubatu Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Aviiyeshinii Idil Addunyaa Yuuwaan Kaarlosiin simatameera.
Dhaabbatichi kalaqawwan haaraa kan jajjabeessu ta’uu barreessichi ibsaniiru.
Kalaqni kun faalama qabeenya qilleensaa Ittisuun tattaaffii taasiifamu kan tumsu ta’uu dubbataniiru.