Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaari dursaan Waaginar keessa turan caccabuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) –Xiyyaarri hogganaan waraana miindaa guddaan qacaramee lolu ‘Waaginar’ Piriigoozhin keessa tura kufaa caccabuu ibsameera.

Xiyyaara har’a Kaaba Mooskootti kufee caccabe keessa hogganaa Olaanaan Waraana Waaginar Yuuviigeenii Piriigoozhin keessa turan kufee caccabuu Abbaan Taayitaa Aveeyishinii Raahiyaa ibsuu Al Jaziiraan gabaaseera.

Iddoo xiyyaarichi kufee caccabee hanga ammaatti reenfi namoota 8 argamuu ibsameera.

Abbaan Taayitaa Aveeyishinii Raashiyaa hogganaan Waaginar imaltoota sana keessa turuu ibsus, xiyyaara kufee caccabe keessa Yuuviigeenii Piriigoozhin jiraachuu wanti mirkaneessu hin argamne jedhame.

Xiyyaarri dhuunfaan Mooksorraa gara Seent Piitarsibarg imalaa turte namoota 10 feetee turuu Ministirri Dhimma Yeroo Balaa Raashiyaa ibsa laateen himeera.

Hojiin lubbuu baraaruu cimee itti fufuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.