Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaara fe’umsaa Ityoophiyaa waayita mi’a fe’aa jiru balaan ibiddaa irrra qaqqabe

Finfinnee, Adoolessa 15, 2012 (FBC) – Buufata xiyyaaraa Shaangaayitti Xiyyaarri fe’umsaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa waayita mi’a fe’u ibiddi itti qabachuu ibsame.
 
Hojjettoonni xiyyaarichaa hundi haala gaarirratti kan argaman ta’uu Daandiin Qilleensa Ityoopiyaa beeksiseera.
 
Daandiin qilleensichaa balicha ilaalchisuun ibsa baaseen xiyyaarri fe’iinsichaa waayita mi’a fe’aa jirutti ibiddi itti qabachuu isaa ibseera.
 
Xiyyaarichi Shaangaay gara Saa’oo Poolootti balallii idilee taasisuuf qophiirra yeroo jirutti jedhame.
 
Ka’umsi balichaa maal akka ta’e qaamni dhimmi ilaallatu qorannoo taasisaa jiraachuu himameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.