Fana: At a Speed of Life!

Xalaayaa Abbaan Taayitichaa Isaatiif barreesseera jechuun odeeffannoon tamsa’e soba ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa xalaayaa ‘gabaasoota oduu injifannoorratti of eeggannoo akka taasisuu waamicha dhiyeesseera’  jedhuu Televiizhinii Saatalaayitii Ityoophiyaaf (Isaatiif) kan hin erginee ta’uu beeksiseera.

Sadaasa 30 irra eegalee miidiyaalee hawaasaatin odeeffannoon sobaa tamsa’aa jiru ergama hojii abbaa taayitichaan faallaa ta’uu abbaan taayitichaa cimsee hubachiiseera.

Lammiileen odeeffannoowwan maddoonni isaanii hin mirkanoofnee akka ittisanii fi kanneen biroof dabarsuurraa akka of qusataan ibseera.

Qaamoleen odeeffannoo hin mirkanoofnee tamsaasan akka of eeggataan hubachiisuu ragaan fuula miidiyaa hawaasa abbaa taayitichaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.