Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 7 qonnaan bultootaaf raabsame- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Xaa’oo kuntaalli miiliyoona 7 qonnaan bultootaaf raabsamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Bara oomishaa 2014 fi 15’f hanga ammaatti xaa’oo kuntaalli miiliyoona 7 ol qonnaan bultootaaf raamsamuu Daayreektarri Qunnamtii Uummataa Ministeera Qonnaa Obbo Abarraa Lammaa himaniiru.

Kana malees, sanyii filatamaa kuntaalli 105 qonnaan bultootaaf raabsameera jedhan.

Akkaataa fedhii naannoleerraa dhihaate bu’uura godhachuun, xaa’oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu  Obbo Abarraan himaniiru.

Maddi:-DhPI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.