Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon kuntaalli miiliyoona 14.6 geejjibsiifamuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)-Bara oomishaa 2016/17’f xaa’oon biyyee kuntaala miiliyoona 19.9 alarraa bitame keessaa xaa’oon kuntaalli miiliyoona 14.6 geejjibsiifamuun buufata doonii qaqqabuu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.

Xaa’oo Buufata qaqqabe keessaa hanga Waxabajjii 1, 2016’tti xaa’oo kuntaala miiliyoona 13 fi kuma 676 fi 326 gara biyyaatti geejjibsiifamuun ibsameera.

Xaa’oon kunis yeroo ammaa gama waldaalee bu’uuraa qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiraachuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin dooniiwwan lama kan xaa’oo kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 228 fe’an Waxabajii 11, 2016 buufata Doonii Jibuutii kan qaqqaban ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.