Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture to’atame

Finfinnee, Adoolessa 17, 2015 (FBC) – Xaa’oon biyyoo karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture kuntaalli 400 to’atamuu ibsameera.

Xaa’oon biyyoo karaa seeraan alaa Jibuutii ka’uun gara magaalaa Warataatti imalaa ture konkolaataa fe’ee fi shakkamaa waliin to’atamuu ibsameera.

Xaa’oon kun magaalaa Bahirdaaritti halkan keessaa naannawaa sa’aatii 6:00 namoota dhuunfaaf wayita qoodamaa ture eeruu ummataan to’atamuu eerameera.

Xaa’oon kuntaalli 140 karaa seeraan alaa namootaaf qoodamuu fi kan hafa konkolaataa waliin to’atamuu Poolisiin beeksiseera.

Sakattoo Poolisiin taasiseen xaa’oon hedduun mana namoota dhuunfaa to’atamuu ibsameera.

Kuntaalli 89 mana nama dhuunfaa tokkoo kan argame yoo ta’uu, 24 ammoo mana nama dhuunfaatti siree jalaa argamuu ragaan Biiroo Qonnaa naannoo Amaaraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.