Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 12 ol gara biyya keessaa galaa jira

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) –Bara Oomisha 2014/15f kan oolu Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 12 ol Baatii Amajjii,2014 eegalee gara biyya keessaa galaa jiraachuu Korporeeshiniin Hojii Qonnaa Ityoophiyaa beeksiise.

Ministeerri Qonnaa bara 2008 eegalee Xaa’oo biyyoo Alaa galchaa jiraachuu ibsameera.

Haaluma kanaan bara oomishaa 2014/ 2015f kan tajaajilu Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 12 fi kumni dhibbi 8 fi kumni 76 ol gara biyya keessaa galaa jiraachuu Korporeeshinichi ibseera.

Hanga guyyaa har’aatti Xaa’oo Buufata Jiibutii ga’e kuntaala miiliyoona 3 fi kuma dhibba 7 fi kuma 24 ol keessaa kuntaalli miiliyoonni 2 fi kumn dhibbi 8 fi kumni 63 ol gara biyya keessaa imalchiifamuu eereera.

Yeroo ammaa guyyaan giddu galeessan kuntaalli kumni 70 ol imalchiifamaa jiraachuu himameera.

Hanga Bitootessa 20, 2014tti Xaa’oon biyyoo kuntaalli kumni dhibbi 8 fi kumni 60 fi 140 Buufata Jiibutiirraa gara biyyaa kan hin fe’amne jiraachuu ibsameera.

Dabalataan hanga Bitootessa 29, 2014tti kuntaalli kumni 580 fi 120, Hanga Eebila 1, 2014 kuntaalli kumni dhibbi 6, waliigala kuntaalli miiliyoonni 1 fi kumni 180 fi 120 Buufata Jiibuutii kan ga’an ta’uu ragaan Korporeeshinirraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.