Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyee meetirik tooniin kumni 20 fi 411 ol biyya keessaatti geejjibsiifame

Finfinnee, Adoolessaa 17, 2015 (FBC)- gGuyyaa kaleessaa xaa’oon biyyee meetirik tooniin kumni 20 fi 411 ol gara biyyaatti geejjibsiifamuun eerame.

Xaa’ichi konkolaattoota 439 fi baaburaan kan geejjibsiifame ta’uun ibsameera.

Dhaabbannii Geejjiba Galaanaa fi Looistiksii Ityoophiyaa, guyyoottan dhufan xaa’oo biyyee buufata doonii qaqqabe yeroo gababaa keessatti gara biyya keessaatti gutummaan geejjibsiisuuf hojjetamaa jiraachuu eeruu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbatichaa Dooktar Bariisoo Amaloo, Jibuutiitti Embaasii Ityoophiyaa, Waldaa Aksiyoonaa Geejjiba Baaburaa Ityoo-Jibuutii fi hojjettoota dhaabbatichaa akkasumaas qaamolee dhimmichi ilaallatuu biroon adeemsicha saffisiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Ityoophiyaa fi Waldaan Aksiyoonaa Geejjiba Baaburaa Ityoo-Jibuutii galteewwan murteessoo biyyattii barbaachisan baay’inaa fi saffisan biyya keessatti geejibsiisuuf marii gaggeessuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.