Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oof Birrii biiliyoona 21, Boba’aaf Birrii biiliyoona 77 deeggarsi taasiifame – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC) – Bara baajataa kana Xaa’oof Birrii biiliyoona 21, Boba’aaf ammoo Birrii biiliyoona 77 deeggarsi taasiifamuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa ka’aniif deebii laataniiru.

Oomishaa fi Omishtummaa guddisuuf guddina diinagdee biyya keessaarratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Indaastiriin guddina diingadee % 28 qooda qabaachuu eeruun bara kana damichi % 8.2 guddina argisiisuu kaasaniiru.

Sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuun warshaaleen 160 hojii akka eegalan taasiifamuu dubbataniiru.

Oomishaa fi Oomishtummaa damee qonnaa guddisuuf bittaa xaa’oof Birriin biiliyoonni 21 deeggarsi taasiifamuu himaniiru.

Boba’aaf Birrii biiliyoonni 77 ol deeggarsi taasiifamuu ibsa laataniin dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.