Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oo Qonna Arfaasaaf barbaachisu guutummaatti dhiyaachuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)- Xaa’oon biyyee Qonna Arfaasaaf barbaachisuu meetirik toonii kuma 469 ol dhiyeessuuf karoorfame guutummaatti dhiyaachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Bara oomishaa 2016/2017 xaa’oon biyyee kuntaalli miiliyoona 19.4 akka bitamuu fi kana keessaa Yuuriyaa kuntaalli miiliyoonni 8.2, UNPS ammoo kuntaala miiliyoona 11.19 ta’uun ibsameera.

Dhiyeessii fi raabsaa xaa’ootiin hanaga ammaatti raawwii gaariirra jiraachuu ibsuun, gama dhiyeessiin bittaan xaa’oo meetirik toonii miiliyoona 1 fi kuma 678 fi 730 raawwachuun eerameera.

Bara darbe xaa’oo meetirik toonii kuma 56 fi 193 ol hafee dabalatee bara oomishaatti hojiirra oolchuuf waqtiiwwan facaasaa adda baafamuun karoorfamuu eerameera.

Haaluma kanaan misooma jallisii Bonaan meetirik toonii kuma 390 fi 160 dhiyeessuuf karoorfamee guutummaatti dhiyeesuun akka danda’amee fi meetirik toonii kuma 66 fi 497 ol fayyadamtootaaf raabsamuun himameera.

Akkasumas Qonna Arfaasaaf xaa’oo meetirik toonii kuma 469 fi 80 ol dhiyeessuuf karoorfame guutummaatti dhiyaachuun, meetirik tooniin kuma 141 fi 964fayyadamtootaaf raabsamuu akeekameera.

Qonna jallisii fi Arfaasaan xaa’oon meetirik tooniin kuma 208 fi 461.86 fayyadamtootaaf raabsamuu beeksiseera.

Hanga ammaatti xaa’oon biyyee meetirik tooniin miiliyoona 1 fi kuma 65 fi 997 ol buufata Jibuutii ga’uu eeruun, hanga Bitootessa 22, 2016’ttis xaa’oon meetirik tooniin kuma 973 fi 774.40 gara biyya keessatti geejjibsiifamuu ministeerichi eereera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.