Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oo kuntaalli miiliyoona 6.6 guutummaatti biyya keessa seeneera-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC)- Hanga Waxabajjii 10, 2015’tti Xaa’oo kuntaalli miiliyoona 7.4 Buufata Doonii Jibuutii kan ga’ee fi kana keessaa xaa’oo miiliyoonni 6.6 guutummaatti biyya keessa galfamuun raabsamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichi bara oomishaa kanaaf xaa’oo biyyee barbaachisu dhiyeessuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu eereera.

Haaluma kanaan, bara oomishaa 2015/16’f kan ooluu bittaan xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 12.8 gaggeeffamuun, hojiiin gara biyya keessatti geejjibsiisuu raawwatamaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 6.6 guutummaatti biyya keessa seenee raabsamaa jiraachuu ibseera.

Hojiilee xaa’oo raabsuu saffisaan gaggeefamaa jiran Buufata Baaburaa Adaamaatti argamuun Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen daawwachuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Xaa’oo qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf barbaachisu dhiyeessuuf Ministeerri Qonnaa xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.