Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oo biyyoo dabalatee Oomishaalee kuma 19 oliif tajaajilli qorannoo qulqullinaa taasiifame

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC) – Baatiwaan 9 darban Xaa’oo biyyoo dabalatee Oomishaalee kuma 19 oliif tajaajilli qorannoo qulqullinaa taasiifamuu Dhaabbanni Maddaallii Mijaa’ummaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Dhaabbatichi tajaajila Qorannoo Laabraatoorii, mirkaneessa ragaa Qulqullinaa fi Inispeekshinii kennaa jiraachuu Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Maddaallii Mijaa’ummaa Ma’aazaa Abarraan ibsaniiru.
Baatiwwan salgan darbanis Xaa’oo Biyyoo Meetirik Toonii miiliyoona 1ol dabalatee Oomishaalee kuma 19 oliif tajaajilli qorannoo Laabraatoorii fi mirkaneessi ragaa qulqullinaa kennamuu himaniiru.
Dameen dhaabbatichaa Jibuutiitti argamu Zayita Nyaataa liitira miiliyoona 31 oliif qorannoo Laabraatoorii taasiisuu dubbataniiru.
Dhaabbatichi oomishaalee qonnaa fi galteewwan qonnaa, Nyaata, dhugaatii fi qorichaalee, Keemikaaloota, Albuuda, Galteewwan Konistiraakshinii, Elektirooniksii, kal’ee fi uffataaleef tajaajila qorannoo qulqullinaa kennaa jiraachuu TOI gabaaseera.
Oomishaalee kanneeniif akkaataa ulaagaa kaa’ameen sakattoo taasiisuun ragaa mirkaneessa qulqullinaa kan kennu ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.