Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaaniin Filannoo marsaa 6ffaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf deeggarsa Yuuroo kuma dhibba 4 taasiifte

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC) – Xaaliyaaniin Filannoo marsaa 6ffaa Ityoophiyaatti gaggeeffamuuf deeggarsa Yuuroo kuma dhibba 4 taasisuu ibsame.

Mootummaan Xaaliyaanii gama Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil addunyaa biyyattiin Filannoo Biyyaalessaa 6ffaa Ityoophiyaan gaggeessituuf deeggarsa Yuuroo kuma dhibba 4 taasiseera.

Deeggarsicha Proojektii sagantaa misoomaa Dhaabbata Mootummaata Gamtoomaniitiin ‘Diimookiraasii Ityoophiyaa cimsuuf  Filannoo deeggaruu’  jedhuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Deeggarsichas Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Xaaliyaanii Ambaasaaddar Artuuroo Luuzii fi bakka bu’aan Proojektii sagantaa misoomaa kanaa Tuurhaan Saaliihi mallatteessuu ragaan Xaaliyaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.