WMO Manneen Barnootaa Ifa Boruutiif Kitaaba gosa adda addaa arjoome
Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Waldaan Misooma Oromiyaa Manneen Barnootaa Ifa Boruutiif Kitaaba barnootaa gosa adda addaa arjoomuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.
Qaammeen 3, guyyaa gaarummaa egreef arjoomuun carraa guddaa ta’uu obbo Abbaa-Duulaa Gammadaan sirnicharratti dubbataniiru.
guyyaan har’aa “Namni tola-oolu nagaa qaba, gammadaadha; keessumattuu, kitaaba arjomuun dhalootaaf bu’uura kaa’uudha.” Jedhan obbo Abbaaduulaan.
Hundeessaa fi abbaan yaada Manneen Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa fi Walitti Qabaan Boordii waldichaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaan, Manneen Barnoota Bultii Addaa Biiroon Barnootaa Oromiyaa hundeessaa jiru 7f Ambulaansiiwwan 7 kennuuf sirna arjooma kitaabaa kana irratti waadaa galanii jiru.
Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa, Dooktar Tolaa Bariisoon gama isaaniin Waldaan Misoomaa Oromiyaa kallattii hedduun hojii fakkenyummaa guddaa qabu misooma barnootaa Oromiyaa keessatti hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Hanga ammaatti Waldichi kitaaboota kuma 71 ol arjoomuu ibsaniiru.
Manneen Bultii Addaa 7 yeroo amma Oromiyaa keessatti ijaaramaa jiran ka’umsi isaa yaadaa fi muuxannoo Manneen Barnootaa Bultii Addaa waldaa misooma Oromiyaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Dooktar Tolaan arjooma Waldaan Misooma Oromiyaa taasise galateeffachuu OBN gabaaseera.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.