Fana: At a Speed of Life!

Wixineewwan seeraa naannoleen qophaa’an irratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2014 (FBC) – Wixineewwan seeraa naannoleen qophaa’an irratti galtee walitti qabuuf mariin gaggeeffamaa jira.

Waltajjicha Ministeerri haqaa fi biiroleen haqaa naannolee waliin ta’uun kan qopheessan yoo ta’u, wixineewwan seeraa afur irratti mariin gaggeeffamaa jira.

Wixineewwan seeraa kunneen wixineewwan seeraa abukaatotaa, dhaabbilee siiviilii hawaasaa, sirnba bulchiinsaa fi bulchiinsa manneen amala sirreessaa ta’uu eerameera.

Hojiileen foyya’iinsa seeraa waggoottan sadan darbanitti hojjetamanii fi gufuuwwan turanis waltajjichaan ka’aniiru.

Seeronni farra shororkeessummaa, labsii bulchiinsa manneen amala sirreessaa, bulchiinsa abukaatotaa, sirni bulchiinsa dhaabbilee siiviilii hawaasaa fi daldala meeshaalee waraanaa foyya’uu ibsameera.

Waltajichaan naannoleen wixineewwan seeraa kanneen moodela seeraa federaalaa waliin walsimsiisuun haala naannoo isaanii ilaalcha keessa galchuun ni raggaasisu jedhameetu eegama.

Waltajjiin marichaa guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Haqaa Alam’anta Agidaw dabalatee hoggantoonni Biirolee Haqaa naannolee fi dhimmamtoonni argamaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.