Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii to’annoo fi mirkaneessa nageenya oomishaalee teeknooloojii odeeffannoo ragga’e

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixineen labsii to’annoo fi mirkaneessa nageenya oomishaalee teeknooloojii odeeffannoo raggaasise.

Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa yaa’ii idilee 8ffaa bara hojii 3ffaa gaggeesseera.

Yaa’ichaan yaadni murtee wixinee labsii to’annoo fi mirkaneessa nageenya oomishaalee teeknoolojii odeeffannoo, Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknoolojii Dooktar Nagarii Leencoon dhiyaateera.

Yaada murtee dhiyaaterratti bal’inaan erga mari’atameen booda labsicha sagalee guutuun raggasiseera.

Labsichis, birmadummaa biyyaa fi nageenyaa lammiilee irratti teeknooloojiiwwan odeeffannoo soda uuman to’achuu fi daangessuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoorraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.