Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii Tigraayiit yakki duguuggaa sanyii raawwatameera jechuun Ityoophiyaa yakkuuf Bulchiinsa Baayidaniin wixineeffamaa ture kufaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Wixineen labsii ‘Tigraayiit yakki duguuggaa sanyii raawwatameera’ jechuun Ityoophiyaa yakkuuf Bulchiinsa Baayidaniin wixineeffamaa ture Seera Eeyyama Raayyaa Ittisaa biyyattiin haqamuu ibsameera.
Fooyya’iinsi wixinee labsii kun dhaabbata federaala biyyattiin haqamuu Manni Maree Misoomaa Ityoo –Ameerikaa beeksiseera.
Dhaabbileen Miidiyaa biyyoota Lixaa gabaasa sobaa oomishaan bu’uura godhachuun wixineen labsii fooyya’e ni ragga’aan eegamaa ture duula Nigahaa lammiileen Ityoophiyaa fi Dhalootan Ityoophiyaa guutuu addunyaarratti taasiisaniin osoo hin ragga’iin kufuu isaa ibsameera.
Olola sobaan adeemsi Ityoophiyaa himachuuf taasiifamu hanga guutumaan guutuutti dhaabbatuutti qabsoon lammiileen Ityoophiyaa fi michuuwwan Ityoophiyaa taasiisan cimee itti fufuu akka qabu Manni Maree Misoomaa Ityoo –Ameerikaa yaadachiiseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.