Wixineen Labsii Taaksii Qabeenyaa ragga’e
Finfinnee, Amajjii 6, 2017 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 15ffaa har’a gaggeesseen magaalota biyyattii hundatti kan hojiirra oolu Wixinee Labsii Taaksii Qabeenyaa sagalee calmaan raggaasiseera.
Labsichi qoodama qabeenyaa haqa qabeessa mirkaneessuuf, qulqullina tajaajilaa fooyyeessuu fi fooyya’iinsa bu’uuraalee misoomaa waarinaan hojiirra oolchuuf, baasiin invastimantii sababa qaala’iinsa gatiin gudduun taaksiin kaa’amuu akka walitti qabamu kan taasisuudha jedhameera.
Labsichi magaalota biyyattiitti argaman hundaatti kan hojiirra oolu yoo ta’u, naannoleen labsicha bu’uureffachuun haala qabatamaa magaalotaan walsimsiisuun seera taaksii qabeenyaa ofii isaanii akka baafatan kan taasisuudha jedhameera.
Yeshaambal Mihiretii fi Ashannafii Shibbiruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia