Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii gatii manneen kiraa murteessuuf qophaa’e barana ni ragga’a jedhameetu eegama

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Wixineen labsii sadarkaa gatii manneen kiraa murteessuuf qophaa’e bara kana ni ragga’a jedhamee kan eegamu ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii ibsan.

Gatiin kiraa manaa magaalotaa qaala’uufi atakaaroo kireeffattootaafi kireessitootaaf furmaanni barbaadamuu akka qabu hedduun irratti waliigalu.

Rakkoo kanaaf furmaata laachuuf wixineen labsii Mana Maree Ministerotaan qophaa’e waliigaltee yeroo kiraa murteessuurra darbee manneen kiraaf qophaa’an bu’uuraalee misoomaa huutuu qaban ifatti kan kaa’u ta’uu Adde Caaltuun  ibsaniiru.

Kireessitoonni gatii kiraa manaa dabaluu yoo barbaadan, hagamiifi yeroo hagamiif kan jedhu labsicharra ifatti kaa’amuu eerameera.

Kireeffattoonnis manneen kiraan fudhatan haalaan qabuu akka qabaniifi dirqama biroo ofkeessatti haammachuu eerameera.

Labsichi gatiifi dhiyeessii manneenii dallaalotaan hogganaman sirreessuun dhiibbaa hawaasummaafi diinagdeerraa kan nama baraaru jedhameera.

Labsichi barana raggaasisamee gara hojiitti ni gala jedhamee kan eegamu ta’uu aadde Caaltuun dubbataniiru.

Tigist Silashiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.