Fana: At a Speed of Life!

Wixineen imaammata naamusa biyyaalessaa fi ittisa malaammaltummaa qophaa’e

Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Wixinee imaammata naamusa biyyaalessaa fi ittisa malaammaltummaa qopheessuu Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa beeksiseera.

Komishinichi imaammaticha hojtamaa fi teeknooloojiin tumsuuf hojiilee hojjetamaa jiru ilaalchisee qooda fudhattoota waliin waltajjii galtee walitti qabuu magaalaa Finfinneetti gaggeesseera.

Yakki malaammaltummaa sochii lammiilee guyyaa guyyaarratti dhiibbaa qaqqabsiisurra darbee sodaa biyyaalessaa ta’aa jiraachuu Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Isheetee Asfawuu ibsaniiru.

Qabsoo farra malaammaltummaa bu’aa qabeessa taasiisuuf wixineen Imaammata Ittisa Farra Malaammaltummaa qophaa’uu dubbataniiru.

Wixinichi qorannoorratti kan hundaa’ee fi muxannoo biyyoota hedduu tilmaama keessa galchuun haala qabatamaan kan qophaa’e ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.