Fana: At a Speed of Life!

Wixineen dambii ragaa fi sirni dhimmoota filannoo mana murtiitti itti keessummaa’u qophaa’e

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Wixineen dambii ragaa fi sirni dhimmoota filannoo mana murtiitti itti keessummaa’u qophaa’uu ibsameera.
Wixinee dambichaarratti Preezdaantoonni mana murtii Federaalaa, mana murtii waliigalaa naannoolee fi abbootiin seeraa bakka argamanitti mariin taasiifameera.
 
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi diimookraatawaa taasiisuuf dambichi qophaa’uun murteessaa ta’uu himameera.
 
Qaamni galmee filannooraa seeraan ala dhorkame yookaa qaamni galmaa’uu hin qabne galmaa’eera jechuun komii qabu koree komii naannoo filannootti iyyaata dhiyeeffachuun guyyaa 5 keessaatti deebii yoo dhabe dhimmicha gara mana murtiitti dhiyeeffachuu akka danda’u wixineen dambichaarra kaa’ameera.
 
Galmee filattootaa waliin walqabatee manni murtichaa guyyoota 10 keessatti dhimma walmormitootaa qorachuun guyoota 4 keessatti murtoo itti laachuu akka qabus dambichaarratti barreeffameera jedhame.
 
Galmee kaadhimamtootaa waliin walqabatee manni murtichaa guyyoota 15 keessatti dhimmicha qorachuun guyyoota 4 keessatti murtii laachuu akka qabus wixinicharra kaa’ameera.
 
Wixinee dambii ragaa fi sirni dhimmoota filannoo mana murtiitti itti keessummaa’u qophaa’e keessatti iyyannoon dhimmoota mallattoo filannoo, rakkooleen namuusaa fi sagalee laachuun walqabatan murteessuuf qabxiileen barbaachisan hammatamaniiru jedhame.
 
Adeemsa sagalee lakka’uu fi bu’aa sagaleerratti iyyannoo dhiyaatan manni murtichaa sa’aatii 3 keessatti qorachuu qaba jedhameera.
 
Misikir Sinaaffiqitu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
 
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
 
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.