Fana: At a Speed of Life!

Wixineen baajata waraanaa Ameerikaa Doolaara biiliyoona 886.3 ragga’e

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Wixineen baajataa waraanaa Ameerikaa bara dhufuu Doolaara biiliyoona 886.3 dhiyaate raggaasifame.

Wixinee baajatichaa keessaa deeggarsa Yuukireeniif taasifamu Doolaara miiliyoona 300 kan dabaalatu ta’uun ibsameera.

Wixineen baajata waraanaa Ameerikaa kaffaltii loltootaa biyyatti guddisuu dabaltee bittaa meeshaalee waranaa haaraaf akkasumas baasiiwwan loltummaa kan dabalatu ta’uu CNN fi RT’n gabaasaniiru.

Kana malees, baajata waraanaa bara darbeen yoo walbira qabamu %3 daballii argisiisuun eerameera.

Dabalataan, Seenettiin biyyattii deeggarsa Yuukireenii fi Israa’eliif kan ooluu baajata dabalataa Doolaara miiliyoona 105 addatti dhiyeessuuf mari’achaa jiraachuu gabaasichi akeekeera.

Wixinechi miseensota waraanaa Ameerikaaf daballii miindaa %5.2 kan taasisu yoo ta’u, Doolaara biiliyoona 168 meeshaalee waraanaa oomishuu fi bituuf, Doolaara biiliyoona 145 misoomaa fi qorannoo loltummaa akkasumas Doolaara biiliyoona 32 ammoo deeggarsa humna niwukilaraa biyyattiif kan oolu ta’uun eerameera.

Dabalataan Ameerikaan bulchiinsa isheen ala keessumaa naannawaa Garba Indoo-Paasifikitti qaamolee yaaddoo nageenyaati jettu irratti sagantaa hordoffii fi baasaasa daangaa ce’aa taasiftuuf tumsa ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.