Fana: At a Speed of Life!

Wixinee Imaammataa fi Tarsiimoo Nageenya Biyyaalessaarratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Wixinee Imaammataa fi Tarsiimoo Nageenya Biyyaalessaarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Qopheessummaa Ejansii Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaan wixinee Imaammataa fi Tarsiimoo Nageenya Biyyaalessaarratti qooda fudhattoota waliin mariin gaggeeffamaa jira.
Sadarkaa teeknooloojii odeeffannoo addunyaan yeroo ammaa irra jirtu kan gitu wixineen Nageenya Biyyaalessaa qophaa’uu ibsameera.
Gama biroon sodaan sona nageenyaa olaanaan jiraachuu isaan hojmaata dhimmicha qolachuu danda’u diriirsuuf wixinee qophaa’e ta’uu himameera.
Dabalataan nageenya biyyaa eeguu fi nageenya dameewwan Diinagdee, Hawaasummaa fi Siyaasaa mirkanneessuuf Imaammataa fi Tarsiimoo nageenya Biyyaalessaa cimaa ta’e ijaaruun barbaachisaa ta’uu ragaan Ejansii Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.