Fana: At a Speed of Life!

Wixinee HR 6600 fi S 3199 jedhaman mormuun Waashingitan DCtti hiriirri mormii gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa wixineewwan HR 6600 fi S 3199 jedhaman Diinagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaa Ityoophiyaa dhiibuuf ba’e akka hin raggaaneef Ameerikaa Magaalaa Waashingitan DCtti hiriira mormii gaggeessaniiru.
Humnoonni guddina Ityoophiyaa hin feene wixineen kun akka ragga’uuf olii fi gadi jechaa jiraachuu himeera.
Wixineen HR 6600 fi S 1399 jedhamuun waamaman waraana kaaba Ityoophiyaatti gaggeeffameen abbaan badii eenyu akka ta’e osoo adda hin baasiin, miidhaa namoomaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti qaqqabeef beekkamtii kan hin laanne, qaama tokkoof qofa deeggaruun wixinee qophaa’e ta’uu ibsameera.
Lammiileen Ityoophiyaa, dhalattoonnii fi michuuwwan Ityoophiyaa wixinee kana mormuun Ameerikaa Magaalaa Waashingitan DCtti hiriira gaggeessaniiru.
Hiriirtoonni kunneen wixineewwan HR 6600 fi S 3199 birmadummaa Ityoophiyaan kan miidhan, hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa kan hin madaalle ta’uu isaaniin haqamuu qabu jechuun sagalee dhageessiisaniiru.
Qoqqoobbii kaa’uun Ityoophiyaa miidhurraan kan hafe faayidaan qabu waan hin jirreef wixineewwan kunneen kufuu qaban jechuun dhaadannoowwan garaagaraa dhageessiisaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.