Fana: At a Speed of Life!

Wixinee fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC) – Wixinee fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti mari’atamaa jiraachuu ibsameera.

Maricharratti Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi dabalatee daaggartoonnii fi bakka buutoonnii koree hojii raawwachiiftuu deeggartoota misoomaa argamaniiru.

Dooktar Iyyoob Takkaalinyi wixinicha ilaalchisee hirmaattoota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.

Yeroo itti aanu dhimmoota ijoo wixinichaa, kutaalee fooyya’iinsa barbaadanii, wixinicha raawwachuuf dhimmoota barbaachisanii fi fooyya’iinsa diinagdee kana hojiirra oolchuuf qabeenya barbaachisanirratti mariin taasiifamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.