Fana: At a Speed of Life!

Wixinee bajataa 2015 Naannoo Hararii Birri biiliyoona 3.4 ol akka ta’u murteesse

Finfinnee, Adoolessa 13, 2014 (FBC) – Manni Maree Kaabinee Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Hararii wixinee baajataa bara 2015 naannichaa Birrii biiliyoona 3.4 ol akka ta’u murtee dabarseera.

Manni maree kaabinee naannichaa baajata bara 2015 fi pilaanii caaseffama Magaalaa Hararii irratti mari’ateera.

Manni marichaas wixinee baajata 2015 Birrii biiliyoona 3.4 ol akka ta’u murtee dabarsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

Kaabineen naannichaa baajata Biiroo Maallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee naannichaan dhiyaate irratti mari’achuun akka ragga’uuf Mana Maree Naannichaaf qajeelcheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.