Wiiliyaam Ruutoon waliigalteewwan jijjiirama qabeenya qilleensarratti mallatteeffaman hojiitti akka hiikaman gaafatan
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Afrikaatti waliigalteewwan jijjiirama qabeenya qilleensarratti mallatteeffaman hojiitti akka hiikaman gaafatan.
Pireezidaan Wiiliyaam Ruutoon ardichatti dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti marii gahaan taasifamuufi waadaa hedduun galamuu yaadachiisaniiru.
Ardichatti mariifi waadaarra darbee waliigalteewwan kanaan dura mallatteeffaman hatattamaan gara hojiitti hiikamuu akka qaban ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin gaafataniiru.
Konfiransii Jijjiirama Qilleensaa 27ffaa Ijipt magaalaa Shaarm Al-Shakitti gaggeeffamaa jirurratti Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoofi Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dabalatee aanga’oonni olaanoon biyyoota Afrikaa garaagaraa argamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.