Wiiliyaam Ruutoon Pireezidaantii Keeniyaa ta’uun Kakuu raawwatan
Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Wiiliyaam Ruutoon Pireezidaantii Keeniyaa 5ffaa ta’uun Kakuu raawwataniiru.
Sirna kakuu raawwachuu Pireezidaanticharratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonnii fi Dippiloomaatoonni biyyoota garaagaraa argamaniiru.
Wiiliyaam Ruutoon baatii darbe keessa filannoo Pireezidaantummaa biyyattiitti gaggeeffameen sagalee % 50 ol argachuun injifachuun isaanii kan yaadatamuudha.
Filannoo Lammiileen Keeniyaa miiliyoonni 14 ol sagalee laatanirratti kaadhimamtoonni 4 walmorkachaa turan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.