‘WhatsApp Chaat Boot’ waa’ee COVID-19 irratti odeeffannoo laatu hojiirra oole
Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Ministeerri Innooveeshiinii fi Teeknooloojii Ministeera Fayyaa waliin ta’uun ‘WhatsApp Chaat Boot’ waa’ee COVID-19 irratti odeeffannoo laatu hojiirra oolchuu isaa beeksise.
Marsariitiin kun lammiileef odeeffaannoo sirrii laachuun biyyattiin deebii odeeffannoo vaayirasiichaf kennitu deeggaruuf shoora olaanaa taphata jedhame.
innis ‘Govt of Ethiopia Covid -19’ jedhamuun moggaafameera.
Chaatii lammiileef odeeffannoo sirrii waa’ee fayyaa kennu WhatsApp irratti dhiyeessuu isaa ministeerichi beeksiseera.
Fayyadamtootaaf filannoo lamaan kan dhiyeete yoo ta’u, inni tokko kallattiin, inni lammaaffaan ammoo Koodii QR iskaanii gochuun ta’uu isaa ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muuli’isa.