Fana: At a Speed of Life!

weerarri vaayrasii koroonaa namoota miiliyoona 135- 250 ta’anitti sodaa beelaa uumeera jedhame

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaan adunyaatti sodaa beelaa hama umeera jechuun Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii beeksise.

Itti gaafatamaan sangantaa nyaataa addunyaa Deeviid Beesleyiim, sabaaba beelaan rakkoo mudatuu hambisuuf tarkaanfi ariifata fudhachuun barbaachisadha jedhaniiru.

Kana waliin walqabsisuun gabaasni ba’ee sabaaba beelaan
namoonni miiliyoonni dhibba 1 fi miiliyoonni 35 hanga miiliyoonni 250 dhiibbaan irraa ga’u danda’aa jedha.

sangantaa nyaataa adduunyaan biyyoonni sodaan beelaa itti umamee diinagdeen, jijjiirraama qabeenya qilleensa fi walitti bu’iinsan biyyoota 10 irratti dhiibbaa ni uuma jedheera.

Biyyoonni kanneenis Ityoophiyaa dabalatee Yaman, Deemokiraatik Rippaabilik Koongoo, Veenzeeweelaa, Sudaan kibbaa, Sudaan, Sooriyaa fi Naayijeeriyaa ta’u BBC gabaaseera.

Gabaasichi akka muul’dhisutti Sudaan kibbaatti bara darbe namoonni %60 ta’an beelaaf saaximanii turan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.