Weerarri Vaayrasii Koroonaa gara naannoleetti Saffisaan babal’achaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Fulbaana 18, 2014 (FBC) – Weerarri Vaayrasii Koroonaa gara naannoleetti saffisa guddaan babal’achaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Haala waqtaawaa vaayrasii Koroonaa Ityoophiyaa ilaalchisee Daayreektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Dooktar Tsigeeradaa Kiflee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Yeroo ammaa gosti Vaayrasii Koroonaa Deeltaa jedhamu Ityoophiyaa keessatti saffisaan tatamsa’aa jiraachuu fi lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa akka jiru ibsameera.
Sadarkaa Biyyoolessaatti Fulbaana 10,2014 hanga Fulbaana 16,2014tti namoota qorataman kuma 57 fi 940 keessaa namoota kuma 8 fi 753 irratti Vaayrasichi argamuu fi %15 dabaluusaa ibsameera.
Haaluma walfakkaatuun naannolee tokko tokko keessatti hangi daballii isaa hanga biyyoolessaarra guddatee jiraachuu ibsameera.
Naannoo Sidaamaatti % 28, Amaaraatti %22, Oromiyaa % 22 fi naannoo Uummattoota Kibbaatti % 24 kan dabale ta’uu ibsameera.
Kunis sadarkaa naannoleetti bal’inaan tatamsa’aa akka jiruu kan agarsiisu ta’uu ragaan Inistiitiyuuticharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.