Fana: At a Speed of Life!

Weerarri Vaaayraasii koroonaa diinagdee Ityoophiyaa haalaan miidhuu danda’a jedhame

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Weerarri Vaaayraasii koroonaa diinagdee Ityoophiyaa haalaan miidhuu akka danda’u Waldaan Ogeeyyii Diinagdee Itoophiyaa beeksise.
 
Vaayraasiin kun Baatii sadiif yoo ture diinagdee biyyattii % 2.2 hanga 3.6 miidhuu danda’a jedhame.
 
Hanga Baatii 6 yoo ture immoo % 6.7 hanga 9.9n diinagdee biyyattiirra miidhaa geessisa jedhan ogeeyyiin diinagdee kunneen.
Akka gabaasa qorannoo Komishiinii Plaanii fi Misooma Biyyaaleessatti ammoo vaayraasiin kun Baatii sadiif yoo ture diinagdee biyyattii % 2.8 hanga 3.8 hir’isuu danda’a jedhame.
 
Dhaabbanni Fandii Maallaqaa Addunyaa ammoo diinagdeen Ityoophiyaa % 2.3 hir’achuu akka danda’u tilmameera.
 
Komishinii Plaanii fi Misooma Biyyaalessaatti gorsaa fi qindeessan qorannoo obbo Abbas Muhammad, sababa weerara vaayraasii koroonaan lammiileen Ityoophiyaa hedduun hojii dhabdummaaf saaxilamuu akka danda’an himaniiru.
 
Lammiilee kanneen irra miidhaa hamaan osoo hin qaqqabin darsanii of eeggannoo cimaa taasisuun barbaachisuu ta’uu obbo Abbaas Muhammad hubachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.