Fana: At a Speed of Life!

Weerarri hoomaa awwaannisaa naannoo Soomaaleetti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Weerarri hoomaa awwaannisaa naannoo Soomaaleetti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa beeksise.

Hoomichi godinaalee naannichaa 10 keessatti oomisha qonnaan bulaa fi marga dheedumsaarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu biirich ibseera.

Hoomaan kun godinaalee naannichaa naannoo daangaatti argaman keessatti hedduminaan tatamsaa’aa jiraachuu itti aanaa hogganaan Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa obbo Abdullaahii Adam ibsaniiru.

Yeroo ammaa hoomicha to’achuuf biyyoota ollaa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godina Kasiitiin ala godinaalee naannichaa hunda keessatti muul’achuun miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu ragaan Biiroo dhimmoota komiinikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ministeera Qonnaa waliin ta’uun hoomicha to’achuuf tattaaffii olaanaan taasiifamaa jiraachuu ibsameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.