Fana: At a Speed of Life!

Weerarri dhibee koroonaa namoota biiliyoona walakkaa hiyyummaa keessa galchuu danda’a

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Weerarri dhibee koroonaa addunyaarratti qaala’iinsa diinagdee geessisuun namoota Biiliyoona walakkaa hiyyummaa keessa galchuu akka danda’u ibsame.

Weerarichi kisaaraan inni Faayinaasii fi dhala namaarraan ga’uu danda’u hammaataa ta’uu Dhaabbaanni Mootummoota Gamtoomanii qorannoo gaggeesseen ifoomseera.

Dhaabbaanni Mootummoota Gamtoomanii ogeeyyiin Koolleejjii Landan Kiing fi Yuunvarsiitii Biyyaalessa Awustiraaliyaa dhimmichaarratti qorannoo akka gaggeessan taasiseera.

Ogeeyyiin qorannoo kana gaggeessan akka ibsanitti qaala’iinsi weerarri kun diinagdee addunyaarran ga’u miidhaa fayyaarraan ga’u caalaa daraan hammaatadha jedhan.

Haala kanaan addunyaarratti namoonni miiliyoona dhibba 4 hanga miiliyoona dhibba 6 sababa weerara dhibee kanaan qaala’iinsa hammaataa keessatti kufuu danda’u jedhan.

Akka bu’aa qorannichaatti qaala’iinsi ga’uu danda’u waggoottaan 30 as isa muul’atee hin beekne ta’uu danda’a jedhame.

Waliigala yeroo weerarri vaaysarii koroonaa darbetti ummata addunyaa keessaa walakkaa ol hiyyummaa keessa galuu danda’u jedhameera.

Kana keessaa %40 kanneen Baha Eeshiyaa fi Paassifikitti argaman yoo ta’u, 1/3 ammoo ummata Afrikaa Saahaaraa gadi fi Kibba Eeshiyaa jiraatan ta’uu danda’u jedhameera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.