Fana: At a Speed of Life!

Weerarri Covid -19 hariiroo daldalaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa hin gufachiifne -Ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Weerarri Covid -19 hariiroo daldalaa Ityoophiyaa fi Raashiyaa kan hin gufachiifne ta’uu Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyoo Taganuun himaniiru.
 
Ambaasaaddar Alamaayyoon Tajaajila Oduu Raashiyaa waliin turtii taasisaniin, Weerarri Covid -19 hariiroo diinagdee Ityoophiyaa fi Raashiyaa hin gufachiifne jedhan.
 
Hariiroon biyyoota lameenii kallattii hundaa haala gaariirra jiaachuu ibsaniiru.
 
Hoggantoonni biyyoota lameenii dhiyeenya kana bilbilaan marii taasisuu kan ibsan Ambaasaaddar Alamaayyoon, hariiroon daldalaa fi Diinagdee Ityoophiyaa fi Raashiyaa haala gaariirratti argama jedhan.
 
Akka fakkeenyaattis Xiyyaarri fe’umsaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa torbanitti guyyaa lama Raashiyaa gara Afrikaa, Afrikaa gara Raashiyaa meeshaalee deddeebbisaa jira jedhan Ambaasaaddar Alamaayyoon.
 
Hariiroon damee aadaas bu’ura cimaarratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru.
 
Imbaasiin isaanii waltajjii marii namoota kuma 6 ol biyyoota lameeniirra hirmaachisu viidiyoo koonfaransiin qopheessuu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaatti waggaa waggaan guyyaan Afaan Raashiyaa kan kabajamu ta’uus eeraniiru.
 
Guyyaa kanas hiriiyoota, barattoota, hayyoota Raashiyaa fi hawaasa Afrikaa waliin kan kabajan ta’uu himaniiru.
 
Bara kana sababa weerara vaayrasii koroonaan waliin kabajuun rakkisaa ta’uus Viidiyoo koonfaransiin kabajamuu Ambaasaaddara Alamaayyoon dubbataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.