Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaatin dhiibbaa diinagdeerratti uumamu adda baasuuf hojjetamaa jira- MM Dr Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaatin dhiibbaa diinagdeerratti uumamuu malu mootummaan adda baasuuf socho’aa jira jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy ergaa karaa fuula Feesbuukii isaanitiin dabarsaniin, ogeeyyiin fayyaa vaayrasicha ittisuuf hojjechaa jiran galateeffataniiru.

Ogeeyyiin fayyaa ummata dararaa jalaa baasuuf aarsaa kaffalanii hojjechaa jirus jedhan muummee ministiraa.

Akka raayyaa ittisa biyyaa walabummaa fi daangaa biyyaa eeguu, ogeeyyiin fayyaa lubbuu isaanii lammiilee yaaluuf laataniiru jedhan.

Ejjennoo “Nuti fayyaa akka taanu, hunduu fayyaa yaa ta’u.” jedhuun biyyaa fi ummata Ityoophiyaa bakka bu’anii weerara iiboolaa ittisuuf ogeeyyiin fayyaa 150 gara Deemokraatiik Riippabliika Koongoo imaluun obboleeyyan isaanii tajaajiluun deebi’uun isaanii yaadannoo yeroo dhiyooti jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Ida’amnee qormaanni irra hin dabarre, waltumsinee rakkoon irra hin qaarine hin jirus jedhan.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ogeyyiin fayyaa hojii adda duree hojjechaa jiran jedhaniiru.

Qormaata kana cee’uuf mootummaanis tumsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.