Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaatiin balalii Chaayinaa dhaabun sirrii miti- Daandii Qilleensa Ityoophiyaa

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC)- Weerara vaayrasii koroonaatiin balalii gara Chaayinaatti taasifamu dhaabuun ittisa isaatif wabii akka hin ta’in hoji raawwachiisaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldaa G/maariyaam himan.

Hoji raawwachiistichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniin akka beeksisanitti daandichi balalii gara Chaayinaatti taasifamu kan hin dhaabne ta’uu beeksisaniiru.

Balalii gara Chaayianaatti taasifamu dhaabuun danda’amullee, bakka weerarichi qaqqabe sodaarraa bilisa taasisuun hin danda’amuun ibsan.

Sababiin isaas Chaayinoonni biyyoota addunyaa hedduutti waan balali’aniif.

Sanarrammoo imala seeran alaa jajjabeessuu waan ta’uuf, imaltoota qorannaadhan sakatta’uudhan gara biyyaa galchuu fi hordoffii taasisuutu irra wabiidha jedhaniiru.

Daandichi torbeetti balalii 35 gara Chaayinaatti taasisa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.