Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf imala gara Chaayinaa dhaabuun sirrii akka hin taane Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf imala gara Chaayinaatti taasifamu dhaabuun sirrii akka hin taane Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.
 
Daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom akka beeksisanitti, weeraricha ittisuu fi to’achuuf imala gara Chaayinaa dhaabun sirrii akka hin taane eeraniiru.
 
Sababii vaayrasii koroonaatiin biyyoonni imala, daldalaa fi balaliiwwan xiyyaaraa gara Chaayinaa taasifaman haqaa jiraachuun ni beekama.
 
Daayreektarri olaantichi garuu weeraricha ittisuuf murtee akkanaarra ga’uun kan maluu miti jedhaniiru.
 
Biyyoonni hunduu murtee ragaarratti hundaa’ee fi sirrii ta’e akka murteessan dhaamaniiru.
 
Weerara vaayrasichaa to’achuuf daangaa cufuun furmaata hin ta’uun waamicha dhiyeessaniiru.
 
Imala seeran alaatin vaayrasichi faca’uu akka malu akeekkachiisudhaan.
 
Qondaaltonni Chaayinaatis yaada dhaabbatichaa deeggaruudhan, murtee biyyoonni fudhachaa jiran balaaleffataniiru.
 
Waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtooman, Swiizarlaand Jeneevaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Lii Soong murteen biyyoonni fudhachaa jiran yaada Dhaabbata Fayyaa Addunyaatin kan walfaallessu ta’uu himuun, dubbicha balaaleffataniiru.
 
Amma har’a ganamaatti sababii vaayrasichaatin namoonni Chaayinaatti lubbuu isaanii dhaban 425, kan qabaman ammoo 20,000 ol qaqqabuun ibsameera.
 
Chaayinaadhan alatti vaayrasichi biyyoota 24 qaqqabeera.
 
Biyyootii kanneenittis namoonni 150 ol vaayrasichaan kan qabaman yammuu ta’u, Chaayinaadhan ala sababii vaayrasichaatin namni lubbuusaanii dhaban 2.
 
 
 
Maddi; reuters.com
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.