Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu qabu – Dr Liyaa

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Barumsaa fi tarkaanfii sirrii fudhachuuf dirqama namoonni hedduun qabamuu fi du’uu hin qaban jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabaman dabalaa dhufuu isaa hubachuun hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu Dooktar Liyaan hubachiisaniiru.
 
Guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf Ityoophiyaan guyyaa namoota hedduu vaayrasii koroonaan qabamanii itti galmeessiteedha jedhan Dooktar Liyaan.
 
Weerara kana dagachuun hin barbaachisu,lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii xiqqaachuun dhibichi hin jiru jechuu akka hin taanee hawaasni hubachuu qaba jedhan.
 
Haala dhibichaa beekuuf qorannaan taasifamauu qaba kan jedhan Dooktar Liyaan, biyyattiin humna qorannoo taasisuu gadi aanaa qabdi jedhan.
 
Keeniyaa fi Sudaaniitti yeroo duraa namoonni vaayrasichaan qabaman muraasa waan tureef dagannaan ummamme gatii isaan kaffalchiisera jedhan Dooktar Liyaan.
 
Taatee biyyoota ollaatti muudate kanaarraa hawaasni keenya barachuun of eeggannoo barbaachisuu taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.