Fana: At a Speed of Life!

Weerara vaayraasii koroonaatin walqabatee Ityoophiyaan baajata damee fayyaa % 46 guddisteetti- Dooktar Abiy

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) –Vaayrasii koroonaatin walqabatee Ityoophiyaan baajata damee fayyaa % 46 guddisushee Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahiman ibsan.

Dooktar Abiy sababa weerara vaayrasii koroonatin dhaabbileen tajaajila laataan, meeshaalee fi fedhii meeshaalee fayyaa eeguu dhuunfa dabaluun konfiraansii Faayinaashaal Taayims qophesseerratti dubbataniiru.

Marii viidiyoo konfiraansiin gaggeeffamerratti biyyoota Afrikaa hedduu keessaatti dameen fayyaa dagatamuu kan kaasaan Dooktar Abiy weerarri vaayrasii koroonaa ammoo hanqina keenya muul’iseera jedhan.

Baasiin dabalataa damee fayyaaf ooleen damee fayyaaf rimaddii baajata sadarkaa 4ffaarra akka ta’uu taasisera jedhan.

Bara baajata kanaanis damee fayyaaf Birriin biiliyoona 18.7 kan ramadamee yoo ta’u, baajata bara duraarraa caalmaa Birrii biiliyoona 12.64 qaba jedhameera.

Sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabseen biyyonni sahaaraa gadiitti argaman  vaayrasichaan qabamanii fi du’an cimaadha jedhamuu baatuus diinagdee naannoo haalaan hubuu himaniiru.

Maddi:-Rooyitars

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.