Fana: At a Speed of Life!

Weerara garee ABUT qolachuuf qophii madaallawaan taasiifamaa jira – Mootummaan naannoo Amaaraa

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) –Mootummaan naannoo Amaaraa weerara garee ABUTtiin irratti baname qolachuuf qophii madaallawaa ta’e taasiisuurratti kan argamu ta’uu beeksiiseera.

Gareen waraana malee jiraachuu hin dandeenye kun lammiilee nagaa, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaarratti haleellaa raawwachuun eenyummaa isaa dhugaa ta’e mul’iseera.

Mootummaan Naannoo Amaaraa haala waqtaawaa yeroo ammaa ilaalchisee ibsa baaseera.

Mootummaan naannichaa waggoottan arfan darban ummanni naannichaa tokkummaa sabdaneessaa Ityoophiyaa jalatti fayyadamaa akka ta’uu hojiilee murteessaa ta’an raawwataa turuu ibseera.

Gareen ABUT ummanni Amaaraa fi mootummaan naannichaa misoomaa fi guddina naannichaa mirkaneessuuf hojiilee hojjechaa jiran gufachiisuuf socho’aa turuun kan yaadatamuudha.

Kallattii fi al kallattiin ummataa Amaaraa guutuu biyyattii keessatti argaman irratti haleellaa suukaneessa, ajjechaa, saamichaa fi buqqa’aatiif saaxiluun Hawaasummaan Amaaraa akka hin tasgabboofne hojjechaa akka ture eereera.

Badii fi dhumaatii kana qofaan osoo hin daanga’in gantummaa birmadummaa Ityoophiyaa balaarra buusuu raawwachuu ibseera.

Ummata naannichaarratti weerara banuun miidhaa namoomaa olaanaa ta’e qaqqabsiisuu himeera.

Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee Birrii biiliyoona 288tti tilmaamamu barbadeessuu eereera.

Gochaa garichi raawwataa jiru kana hawaasni idil addunyaa akka balaaleffatuu fi yakka raawwateef itti gaafatamaa taasiisuu akka qabu gaafateera.

Mootummaan naannoo Amaaraa rakkoon jiru karaa nagaan akka furamu murannoo qabaachuu ibseera.

Yaa ta’uutii garichi daandii nagaa cufuu isaan mootummaan naannoo Amaaraa nageenyaa fi tasgabbii ummata naannichaa tiksuuf kan dirqamuu ta’uu himeeara.

Weerara garee ABUTtiin irratti baname qolachuuf qophii madaallawaa ta’e taasiisuurratti kan argamu ta’uu eereera.

Ummanni naannoo Amaaraa waamicha mootummaan naannichaa dhiyeessuuf qophii barbaachisu taasiisuu akka qabu yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.