Fana: At a Speed of Life!

Weerara diinaa fashaleessaa hojiilee misoomaa itti fufsiisna-Obbo Ristuu

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa Godina Walaayittaatti Giddugala Baay’isa Sanyii Filatamaa Boqqolloo lafa hektaaraa kuma 1 irratti abbootii qabeenyaan misoomaa jiru daawwataniiru.

Obbo Ristuun sagantaa daawwanichaarratti, shororkeessaa ABUT’n weeraraa baname fashaleessuun hojiilee misoomaa itti fufsiisna jedhaniiru.

Qonnaan bultoota naannichaaf sanyii filatamaa boqqolloo dhiyeessuuf abbootii qabeenyaa fi qaamolee biroo waliin hojiileen bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa sanyii filatamaa baay’isaa jiraachuun, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsanii, bara oomishaa kanatti sanyii filatamaa kuntaala kuma 50 ol akka argamuu ibsaniiru.

Carraa naannichaatti argamu fayyadamuun hojiin sanyii filatamaa baay’isuu hojjetamaa jiraachuu kan eeran Obbo Ristuun, boqoolloo malee, sanyii filatamaa boloqqee, qamadii fi midhaanota biroo baay’isuun bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Weeraraa fi shororkeessaan ABUT diinota alaa waliin qindoomuun imala misoomaa biyyattiin eegalte akka gufatuuf, naannolee Amaaraa fi Afaar weeraruun lammiilee miidhaa jiraachuu himaniiru.

Ummanni naannichaa gochaa ABUT balaaleffachuurra darbee humna waloo waliin tattaaffii gama isaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Akkuma duraanii deeggarsa humna waloof taasisaa ture cimsee kan itti fufu ta’uu Obbo Ristuun mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.