Fana: At a Speed of Life!

Weerara Covid -19 to’achuu fi ittisuuf qajeelfamni fooyya’ee ba’e ifoome

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa Weerara Covid -19 to’achuu fi ittisuuf qajeelfama fooyya’ee ba’e lakkoofsa 882/2014 ifoomeera.
Weerara Covid -19 to’achuu fi ittisuuf tarkaanfiwwan fudhatamanii fi talaallii ilaalchisee qajeelfama fooyya’ee ba’erratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniiru.
Waggoottaan lamaan darban weeraricha to’achuu fi ittisuuf qajeelfamoonnii fi dambiiwwan garaagaraa ba’uun hojiirra oolaa turuu eeraniiru.
Of eeggannoo fi talaalliirratti xiyyeeffannoo taasiisuun barbaachisaa ta’uu isaan qajeelfamni haaraan lakkoofsa 882/2014 ifoomuu himaniiru.
Qajeelfama kana keessatti qajeelfamni kana dura hojiirra oolaa turan kan itti fufanii fi fooyya’iinsi kan taasiifameef jiraachuu Dooktar Liyaan eeraniiru.
Dhorkaawwan qajeelfama lakkoofsa 803/2013n kaa’eemanii turanii fi walakkaan fooyya’iinsi kan taasiifameef qajeelfama fooyya’e kan keessatti hammatamuu isaanii Ministeerichi beeksiiseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.